Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf, adda baasuu fi qorachuurratti xiyyeeffatamuu qaba- Dr Teediroos

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuuf sochii namootaa daangesuu qofa osoo hin taane, adda baasuu fi qorachuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Adunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom.
 
Dooktar Teediroos Adihaanoom biyyoonni addunyaa weerara vaayrasichaa ittisuuf lammiileen isaanii manaa akka hin baane qoqqobaniiru jedhan.
 
Yaata’uutii shakkamtoota vaayrasichaa adda baasuu, qorachuu fi hordoffii taasisuufiin murteessaadha jedhan.
 
Vaayrasicha ariitiin to’achuu fi balleessuuf biyyoonni sirna fayyaa laafaa qaban mala kanatti dhimma ba’uu qabuun dhaamaniiru.
 
Biyyoonni saaxilamoo ta’an, hunduu maanguddoota ni qabu; kanaaf nu yaaddessu jedhan.
 
Saaxilamummaa hir’isuu fi fedhii ittisaa guutuuf tumsaan yaa hojjennuunis waamicha dhiyeessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.