Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf fageenya ofii eeggachuu

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Ogeeyyiin yaalaa vaayrasii koroonaa ittisuuf harka dhiqachuu dabalatee tarkaanfiiwwan of eeggannoo taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Iddoolee namoonni itti heddummaatanitti ammoo fageenya ofii eeguun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Namni tokko nama biroorraa meetira 1.8 of fageessee yaa dhaabbatus jedhu.

Fageenya kana uumuun kan barbaachisu tamsa’inicha hir’isuu fi biyyoota deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa barbaadaniif yeroo dabalataa laachufi.

Yaata’uutii magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa hedduutti fageenya kana eeguu dhabuun ni muul’ata.

Hiriira geejibaa, manneen daabboo, manneen qorichaa, gabaatti tamsa’ina vaayrasichaa qolachuuf fageenya eeggachuun keessummeeffamuu amaleeffachuun barbaachisaadha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.