Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf of dagannaan gonkumaa hin barbaachisu – obbo Shimallis

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuuf of dagannaan gonkumaa hin barbaachisu jedhan preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
 
Ergaan preezdaant Shimallis Abdiisaa guutun akka armaan gadiitti dhiyaatera.
 
Dhibeen vaayirasii koronaa ji’oota muraasa keessatti biyyoota addunyaa mara kan waliin gaheefi dhala namaa hunda addaan qoodiinsa tokko malee faaluunsaa ogummaa fayyaatiin kan mirkanaa’ee dha. Akka biyyaaattis ta’e akka naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii guyyaa guyyatti ariitiidhaan dabalaa jira. Tatamsa’inni vaayirasii kanaa akka ogeyyiin fayyaa ibsanitti sadarkaa hawaasa keessa faca’uu irra waan gahee jiruuf of eeggannoo gahaan hingodhamu taanaan rakkoo guddaa nutti fiduu danda’a. Kanaafuu lubbuu ummata keenyaa baraaruun waan hundaa olitti tumsa guddaa barbaada.
 
Akka biyyaafi naannootti gaaga’ama dhibeen Koronaa diinagdee, hawaasummaafi jiruufi jireenya dhala namaarratti geessisu biyyoota biroorraa arguu keenyaan, akka mootummaatti sochii ittisaafi to’annoo bal’aa taasisaa jirra. Maloota of eeggannoo fayyaa ogeessotaan kennaman ummata bal’aa biraan ga’uudhaan hubannoo uumuuf tattaaffiin taasifames guddaa dha. Haa ta’u malee, hawaasa keenya biratti haalli hubannoo fi jijjiirama amalaa barbaachisaa fiduun tatamsa’ina vaayirasichaa irraa of eeguuf of eeggannoon taasifamaa jiru rakkoo guddaa akka qabu beekamee jira. kana malees karaa vayirasichaaf nama saaxiluun qaamotni dagannaa fi maal nadhibdeedhaan socho’an hedduun jiraachuun adda baheera. Sababa kanaan hojii hubannoo uumuun cinaatti labsii yeroo hatattamaa labsame hojiirra oolchuudhaan gaaga’ama weerari vaayirasichaa ummataafi biyyarratti fidu xiqqeessuufis hojiin eegalame cimee itti fufuu qaba.
 
Yeroo rakkisaan kun ulaagaa garaagartummaa tokko malee biyyoota dureeyyiifi hiyyeeyyii hundarra ciqilee kan kahatee dha. Warri sirna fayyaa hammayya’aafi qabeenya ga’aa qabanis qofaa isaanii dandamachuu hin dandeenye. Haalli qabatamaan keenyas Kanarraa adda miti. Tumsi, wal-deeggarsiifi wal hubannaan fala dorgomaa hin qabnee dha.
 
Carraa kanatti fayyadamee, yeroo rakkinaa kana keessa duudhaa ummatummaa gabbifanneen waliif birmachuu, wal bira dhaabbachuu, wal utubuufi wal gargaaruurratti tumsi agarsiiftan hedduu kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuun fedha. Abbootii qabeenyaa manneen daldalaafi jireenyaa, maallaqaafi qabeenya adda addaatiin sochii ittisaafi to’annoo weerara dhibee koronaa keessatti hirmaattaniifi lammiilee harka-qalleeyyii bira dhaabbattaniif uumaan imaanaa keessan isiniif haa deebisu jechaa deggersi eegalame cimee akka itti fufu waamicha koo dabarsun fedha.
 
Abbootiin amantaa balaa addunyaa hundatti dhufe kanarraa ummatni keenya akka baraaramuuf jecha kadhannaa/du’aayii fi soomaa taasisuudhaan garaa uummaatti kadhannaa isin taasisaa jirtan fi hubannoo ummata keenyaa cimsuuf tattaaffii isin taasisaa jirtan hojii galatamfatamuu qabudha. Hojiin eebbifamaan kun yeroo kamiyyuu caalaa cimee kan itti fufuu qabu akka ta’e carraa kanaa waamicha koo kabajaa irra deebi’ee isiniif dabarsuu fedha.
 
Ammas daandiin nu hafu dheeraa dha. Tumsi hunda keenyarraa eegamu guddaa dha. Akka mootummaatti hojii hubannoo uumuu hanga ammaatti hojjetameen cinaatti, qaawa seera kabachiisuurratti jiru adda baasuudhaan biyyaafi ummata balaa hamaa dhibeen koronaa qaqqabsiisuu danda’u jalaa baraaruun dhimma xiyyeeffannoo addaatiin irratti kan hojjetamu ta’a. Ummanni keenya magaalaafi baadiyyaa jiraatus, gama tokkoon odeeffannoo mootummaafi ogeeyyii fayyaa itti fufiinsaan hordofuun hojiitti jijjiiruun of eeggannoo ga’aa gochuun cinaatti, sochiin dinagdee akka hin qabbanoofneef ciminaan hojjechuu akka qabu dhaamuun barbaada.
 
Xumurarrattis, rakkinni sababa dhibee koronaa addunyaa kanatti dhufe haala kamiinis ta’u ni darba. Dhaloonniifi biyyi wal’aansoo kana keessatti aarsaa kan kaffalu yoo ta’ellee, iddoo tokko ga’ee to’atamuunsaa kan oolu miti. Kanaafuu, namni dhuunfaafi jaarmiyaan dhimmi biyyaafi ummata kanaa na ilaallata jedhee amanuufi hojjetu martinuu miira abbummaafi itti gaafatamummaatiin akka hirmaatuuf waamicha gochuun barbaada.
 
Yaadaafi gochaan gamtoofnee umrii koronaa haa gabaabsinu!!!!!!
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.