Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ni ittisna, ijaarsa Hidha Haaromsaa eegalle ni xumurra – MM Dr Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Vaayrasii koroonaa ni ittisna, ijaarsa Hidha Haaromsaa eegalle ni xumurra jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy ergaa isaanitiin waggaa 9ffaa ijaarsi hidhichaa itti eegalame yeroo kabajaa jirrutti, qormaanni nu mudateera jedhan.

Amma ammaatti namoonni vaayrasichaan qabaman 26 ga’uu yaadachiisanii, vaayrasichi nananoleettis babal’achaa dhufuu ibsaniiru.

Torbeewwan itti aananitti ammoo lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii dabaluu akka maluu fi tarii duuti kanaan dura sababii vaayrasichaatin Ityoophiyaatti hin mudannes mudachuu mala jedhan.

Naannolee qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan jiraatu akka hin seenne of eeggannaa fi dirmannaan barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Mootummaan tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf murteewwan jajjaboo fudhateera kan jedhan muummee ministiraa, ummanni ammas vaayrasicharraa of eeggannaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Hidhi Haaromsaa Ganna dhufu guutinsa bishaanii ni eegala.

Kanaaf gama tokkoon weerara vaayrasii koroonaa ittisaa, gama birootin ammoo qalbiin keenya ijaarsa Hidha Haaromsaarra yaa ta’u jedhaniiru.

Deeggarsi hidhichaaf taasifamu karaa ergaa gabaabaa “8100 A” akka itti fufus waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.