Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin Chaayinaatti mul’ate caalmaatti biyyoota garagaraatti babaldhachuu akka danda’u ibsame

Finfinne, Amajjii 13, 2012 (FBC)- Vaayrasiin Chaayinaatti mul’ate caalmaatti biyyoota garagaraatti babaldhachuu akka danda’u ibsameera.

Yeroo dhiyoo as vaayrasii haaraa Chaayinaa keessatti mul’ateen namoonni 9 du’aniruu.

Vaayrasichi haala amma jiru irra caalmaan babaldhachuu akka danda’us aanga’oonni Chaayinaa ibsaniiru.

Bulchiinsa Wiiyaan keessatti qorannoo taasifameen haga ammaatti namoonni 440 vaayrasichaaf saaxalamuun isaanii himameera.

Odeeffannoo wayita ammaa ba’aa jiru akka agarsiisutti magaalota Chaayinaa heedduu keessatti vaayrasichi babaldhateera.

Yeroo gabaabaa keessatti vaayrasiin muldhate kun babaldhachuun lubbuu lammiilee hedduu miidhuu ni danda’a jechuun aanga’oonni biyyattii akeekkachiisaniiru.

Vaayrasichi Chaayinaan alatti biyyoota addunyaa garagaraatti ce’ee muldhachuun isaa ammoo yaaddoo biroo ta’eera jedhan.

Biyyoota kanneen keessaa Kooriyaan Kibbaa fi Taayilaand warreen eeramanidha.

Aanga’oonni kanneen vaayrasichi sadarkaa olaanaa irra waan jiruuf biyyattiin hordoffii ga’aa akka taasiftu ibsaniiru.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.