Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin koroonaa gara Ityoophiyaa erga galee booda namoota miiliyoona 2 oliif qorannoon taasifamera

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC)- Vaayrasiin koroonaa erga gara Ityoophiyaa galee waggaa 1 fi Baatiiwwan 5 keessaatti namoota miiliyoona 2 fi kuma dhibba 7 fi kuma 64 qorannoon taasifamuu ibsameera.

Ministeerri Fayyaa fi Ministeerrii Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo waloon kan qopheesan yaa’iin vaayrasii koroonaarratti xiyyeeffaannoo taasisee magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Guyyoota lamaaf kan turu yaa’ichi ittisaa  vaayrasichaaf qorannoowwan rakkoo furan qorattoonni yuunvarsiitiiwwan Finfinneerra walitti babba’aan qorannoo ni dhiyeessuu jedhameera.

Hanga ammattis ogeeyyiin fayyaa kumni 3 fi 329 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 36 kan ta’aan lubbuun isaanii darbu ibsameera.

Itti aanaa daayreektara Inistityuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa obbo Aschaalaaw Abbayinaa, yeroowwan rakkisaa darban keessaa hojiiwwan hojjetaman dhiibbaa weerarichii qaqqabsiisuu hiri’suu himaniiru.

Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo Dooktar Muluu Naggaa gama isaaniitin, Ityoophiyaatti kan argaman dhaabbilee barnootaa fi leenjii hojii hojjetaniin bu’aa gaarii argamsiisuusaanii ibsun kunis cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Afawarq Iyyaayuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.