Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin koroonaa gogaarra sa’aatii 9 ol akka turu qorannoon tokko ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (FBC) – Vaayrasiin koroonaa gogaarra sa’aatii 9 ol akka turu qorannoon tokko ifoomseera.

Qorattoonni Jaappaan vaayrasiin koroonaa gogaa dhala namarraa sa’aatii sagalii oliif akka turu beeksisaaniiru.

Bu’aan qorannoo kanaa harka yeroo yeroon diqachuun vaayrasii koroonaa ittisuuf ni gargaara kan jedhuun yaada marii Dhabbata Fayyaa Addunyaa kan gargaaruu fi cimsudha jedhameera.

Hanga ammaatti guutuu addunyaatti namoonni miiliyoona 40 vaayrasichaaf yoo saaxilaman namoonni miiliyoona 1 fi kuma 100 fi kuma 19 ol ammoo lubbuun darbaniiru.

Namoonni miiliyoona 30 fi kuma 100 fi kuma 56 ammoo vaayrasicharraa dandamataniiru.

Maddi:- CGTN fi Worliid O meetri

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.