Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasin koroonaa gara Ityoophiyaa akka hin galleef qaamni ilaallatu of eegannoo barbaachisu taasisu qabu jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) –Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa vaayrasin koroonaa gara Ityoophiyaa akka hin galleef qamni dhimmi isaa isaan ilaallatuu fi hoggantoonni naannoo of eegannoo barbaachisu taasisuu akka qaban beeksise.
 
Manni maree bakka bu’oota ummataa koree dhaabbii dhimmoota dubartootaa, dargaggootaa fi hawaasummaa giddugala qindeessa deebii balaa taasaa inistitiyuutichaa daawwateera.
 
Dhukkubni vaayrasi koroonaa gara biyyatti akka hin galleef hojii ittisaa taasifama jiru ilaalchisee daayrekatarri olaanaan inistitiyuutichaa Dooktar Eebbaa Abaataa ibsaniiru.
 
Wayita kana Dooktar Eebbaan qamni dhimmi isaa isaan ilaallatuu fi hoggantoonni naannoo of eegannoo barbaachisu taasisuu akka qaban himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.