Fana: At a Speed of Life!

Taphni Waaliyaawwanii fi Baafana Baafanaa injifannoo Baafana Baafanaan 3 fi 1’n xumurame

Finfinnee, Fulbaana 29, 2014(FBC)-Taphni Waaliyaawwanii fi Baafana Baafanaa injifannoo Baafana Baafanaan 3 fi 1’n xumurameera.
Waaliyaawwan Baafana Baafanaarratti olaantummaa taphaa agarsiisanis kubbaa gara galchiitti jijjiiruuf hin carroomne.
Gareen kubbaa miilaa Afrikaa Kibbaa/Baafana Baafanaa/galchiiwwan Tobeehoo Mokoohinaa, Motoobii Mavaalii fi Evideensi Makgoppaan lakkoofsisan garee kubbaa miilaa Ityoophiyaa/Waaliyaawwan/yoo injifatan Geetaanee Kabbadaa galchii tokkitti Waaliyaawwan argatan lakkoofsisuuf carraa argateera.
Garee Waaliyaawwanii fi Baafana Baafanaa jalatti kan argaman Gaanaa fi Zimbaabuween galgala kana sa’atii 1:00’tti wal-keessummeessu.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.