Fana: At a Speed of Life!

Waamicha MM Abiy Ahimad hordofee Miseensonni garee shororkeessaa ABUT hedduun harka kennachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Waamicha Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hordofee Miseensonni garee shororkeessaa ABUT hedduun harka kennachaa jiraachuu ibsame.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duulanii hoggansa kennuu eegalanii as adda waraanaa hundatti injifannoon galmaa’aa humni diinaa bittinaa’aa jira.

Adda waraanaa Gaashanaa, Shawaa, Warra Iluu, Cifraa fi birootti qabsoo Raayyaan Ittisa Biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroon taasisaniin magaalonni hedduun garee weeraraa kana jalaa bilisa ba’uu danda’aniiru.

Humna diinaarra ammoo kisaaraan namaa fi qabeenyaa cimaan ga’eera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad waraanaa Mul’annii fi kaayyoon isaa hin beekamnee gareen Shororkeessaa ABUT baneen dargaggoonni Tigraay akka baalaa harca’aa jiraachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Haadholiin Tigraayis ijoolleen keenya eessa ga’an jedhanii gaafachuu akka qaban ibsuun isaanii ni yaadatama.

Waamicha Muummee Ministiraa Abiy Ahimad hordofee yeroo ammaa miseensonni garee shorokeessaa ABUT kumaatamatti lakkaa’aman harka laachaa jiraachuu ibsameera.

Booji’amtoonni harka laatan osoo hin beekiinii fi dirqamanii adda waraanaatti hiriiruu ibsuun, carraa injifatamuu garicha mudateen harka laachuu ibsaniiru.

Miseensonni garee shororkeessaa harka laatan kunneen gocha isaaniitti gaabbuun dhiifama gaafatamaniiru.

Odeeffannoon garichi tamsaasu sobaa ta’uu fi injifatamuu ibsaniiru.

Guyyaa booji’amanirraa kaasee deeggarsa taasifamaafii jiruuf  Raayyaan Ittisa Biyyaa fi hawaasa galateeffataniiru.

Miseensonni garichaa hafanis oduu sobaa garichi gama miidiyaan tamsaasuuf osoo gurra hin kenniin harka akka laatan dhaamsa dabarsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.