Fana: At a Speed of Life!

Waanti akka naannootti karoorfamee hanga gadiitti hojiitti hiikamuu qaba-Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )-Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waanti akka naannootti karoorfamee hanga gadiitti hojiitti hiikamuu qaba jedhaniiru.

Preezdaantichi kana kan jedhaniis, waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bara 2013 fi kallattii raawwii hojii bara 2014 godinoota afi Magaalota Oromiyaa hundatti taa’aamaa ture xumuramerraatti.

Waltajjii gamaaggama raawwii hojii bara 2013fi kallattii raawwii hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaarratti xiyyaaffatee gaggeeffamaa tureera.

Waltajjichii erga Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameen booda torbee kanammoo Sadarkaa godinaalee, magaalotaa fi aanaaleetti gaggeeffameera.

Xumura Waltajjii gaggeeffameerraatti haasaa kan taasisan Preezdaantiin Shimallis Abdiisaa, Bara hojii 2014, karoora hoogganuu irratti waa sadii qajeeltoo haa godhannu jechuun dhaamanii turan.

Bu’uuruma Kanaan,Karooricha hanga maatitti gadi buusuu,duraa duuba raawwii karooraa eeguu fi haala kamiyyuu keessatti waan karoorfanne raawwachuudha jedhan.

Kallattuma Kanaan hojiirra ooluuf kan qajeelfame gamaaggamni raawwii hojii Mootummaa fi paartii bara 2013 fi kallattin raawwii hojii bara 2014 sadarkaalee godinaa fi magaalotaa hanga aanaatti torbee kana keessa gaggeeffameera.

Waltajjiiwwan marii kanaanis sadarkaa hundattuu ciminoonnii fi hanqinoonnii bara hojii 2013 keessa turan erga sirnaan qaaceffamaniin duuba, kallattiin raawwii hojii bara 2014 kennameera.

Bara raawwii hojii 2013 keessa sadarkaan isaa wal caaluus,iddoo hundattuu osoo qormaannii hedduun jiru milkaa’inni gama misoomaa,siyaasaa fi dinagdeen argame akka ciminatti ilaalamuun,hanni,tajaajila harkifachiisuu fi gurguruu, gabaasa sobaa, qisaasama qabeenyaa fi baajataa ammoo akka hanqiinoota ijootti ka’aaniiru.

Kallattii raawwii hojii bara 2014 keessattis, ariitidhaan raawwachuu,bayyinaan hojjechuu oomishuu fi qulqulinaan raawwachuu xiyyeeffannoo godhachuun hojjetamuu akka qabu sadarkaa hundattuu walii galameera.

Gamaggamni raawwii hojii bara 2013fi kallattiin raawwii hojii bara 2014 kun sadarkaa gandaa fi maatittis ni gaggeeffamaa jedhameera.

Xumura gamaggama raawwii hojii kanaarratti sekteroota raawwii olaana galmeessaniif badhaasni moggaasa “Presidential Award of Oromia Regional State” jedhamuun sadarkaa naannootti kennamee ture,sadarakaalee Godinaa,Magaalotaafi Aanotaattis raawwateera.

Maddi:- Waajjira  Preezadaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.