Fana: At a Speed of Life!

Waggaa 3ffaan sirni Gadaa hambummaan itti galmaa’e Mudde 24-25 kabajama

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Waggaa 3ffaan sirni Gadaa Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti galmaa’e Muddee 24-25 magaalaa Yaa’a Bal’ootti ni kabajama.

Sirni Gadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaa erga galmaa’ee waggaa sadaffaa kan qabate yoo ta’u, waggaa waggaadhan ayyaanichi kabajamuun duudhaan sirnichaa caalaatti akka ifa ba’u kan taasisudha jedhameera.

Baranas wayita waggaa 3ffaan isaa kabajamu sirni Gadaa dhaloota itti aanutti beekumsa isaa ganamaa qabatee akka ce’uu taasisuudha jedhan hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Girmaa Haayiluun.

Galmaa’u qofti sirnicha beeksisuuf ga’aa waan hin taanef, dameelee barnootaa fi qajeelfama bulchiinsaa keessatti akka lafa qabatu cimsanii irratti hojjechuu gaafatas jedhan.

Galmaa’uu waggaa 3ffaa sirna Gadaa kanas sirna hoo’aan kabajuudhaf qophiileen taasifamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Godina Booranaa obbo Boonayyaa Didoo himaniiru.

Agarsiisa aadaa fi siimpooziyamii kabaja ayyaanichaarratti abbootiin Gadaa godinalee Oromiyaa ni hirmaatu.

Muuxannoo walirraa qooddachuudhan sirni Gadaa godinaale Oromiyaallee akka cimuu tumsa ni taasisa.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.