Fana: At a Speed of Life!

Waggaa 9ffaan dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsaa kaa’ame, miidiyaaledhaan yaadatamee akka oolu murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Waggaa 9ffaan dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsaa kaa’ame miidiyaaledhaan yaadatamee akka oolu murtaa’e.

Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsa laataniin akka beeksisanitti, ayyaanni waggaa 9ffaa sababii vaayrasii koroonaatin hin kabajamu.

Ijaarsi hidhichaa miira tokkummaa biyyaatin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojjettoota hidhichaatif hordoffiin fayyaa taasifama jiraachuu beeksisaniiru.

Ijaarsi Hidha Haaromsaa dabaree lamaan hojjetamaa jiras jedhan.

Raawwiin ijaarsa hidhichaa waliigalaa %72.4 qaqqabuu ibsaniiru.

Sababii weerara vaayrasii koroonaatin xiyyeeffannaa fi baajannisaa kan hin hir’anne ta’uus himaniiru Dooktar Injiinar Silashii Baqalaan.

Hojiin diippiloomaasii biyyoota yaa’a keessa jiranii fi qooda fudhattoota waliin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Guyyootii 100 itti aanan keessatti hojii guutinsa koonkiriitii hojjetamuun, dhuma waggichaatti guutinsi bishaanii ni eegalama jedhan.

Ummanni deeggarsa hidhichaaf taasisu cimsee akka itti fufus gaafataniiru.

Misikkir Sinaaffiqtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.