Fana: At a Speed of Life!

Waggaa waggaan namoonni kumni dhibbi 4 ol dhibee Busaan lubbuu ni dhabu – Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Waggaa waggaan namoonni kumni dhibbi 4 ol sababa dhibee Busaan lubbuu isaanii kan dhaban ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasa waggaa baaseen ifoomseera.

Waggoottaan kurna darbanitti Dhibee Bookee Busaa ittisuuf hojii hojjetameen jijjiirramni qabatamaan argamuu gabaasichi eereera.

Waggoottan 20 darbanitti Dhibee Bookee Busaan lubbuu namootaa miiliyoona 7.6 baraaruun danda’amuu ibsameera.

Yaa ta’uutii waggoota sadan darban keessaa Covid – 19 dabalatee sababa weerara dhibee biroon xiyyeeffannoon ittisa Dhibee Bookee Busaaf laatame xiqqaa ta’uu gabaasichaan eerrameera.

Namoonni fayyuu danda’an yaala dhabuun lubbuun isaanii darbaa jiraachuu dhaabbatichi ifoomseera.

Qorannoo biyyoota 87 keessatti gaggeeffameen waggaa waggaan sababa Dhibee Bookee Busaan lubbuun namoota kuma dhibba 4 olii darbaa jiraachuu himameera.

Kanneen lubbuun darban keessa harki lama sadaffaan (2/3) daa’immaan umrii waggaa 5 gadii ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.