Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan darban lafti heektaarri miiliyoonni 10 hojiiwwan misooma sululaatin uwwifameera

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Waggoottan darbanitti lafti heektaarri miiliyoona 10 ta’u hojiiwwan misooma sululaan uwwifamuu Ministeerri Qonnaa FDRI beeksise.

Naannolee hundatti bakkeewwan mukeen irraa ciramanitti hojii eegumsa biyyee fi bishaaniin bu’aa gariin akka argame ministeerichi ibseera.

Ministeera Qonnaatti Daayreektarri itti fayyadamaa fi eegumsa misooma qabeenya uumamaa obbo Tafarraa Taaddasaa biyyattiitti waggaatti heektaaran biyyeen hanga toonii 300 dhiqamaa ture hir’isuun danda’ameera jedhan.

Misooma sululaan uwwisni bosonaa yeroodha gara yerootti guddachaa dhufeeras jedhan.

Hanga ammaatti hojii misooma sululaatin lafti heektaarri miiliyoonni 10 akka misoome himaniiru.

Fulduratti lafa heektaara miiliyoona 20 misoomsuuf karoora qabaachus dubbataniiru.

Bara kana qonnaan bultoonni naannolee Oromiyaa fi Amaaraa hojii eegumsa biyyee fi bishaanii hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Naannoleen kaanis hanga Gurraandhala 1tti qophii xumuruun gara hojiitti kan galan ta’uun ibsameera.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.