Fana: At a Speed of Life!

Waggoota shanan dhufanitti damee fayyaaf baasiin Doolaraa biiliyoona 21 ni barbaachisa-Dooktar Liyaa

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC)- Damee fayyaatin hojiiwwan raawwataman qofan hawaasa fayyaa qabeessa ta’e uumuuf hirmaanna qaamolee dhimmi ilaallatuu akka barbaachisuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktaar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Dooktar Liyaan kan jedhan waggoota itti aananiif kan qophaa’ee karooraa waggaa 10 damee fayyaa fi karoora tiraanifoormeeshinii waggaa 5 walitti qabdoota koree dhaabbii mana maree bakka bu’oota uummataa fi miseensoota mana maree akkasumaas bakka butoota dhaabbilee itti waamamoof magaalaa Bishooftuutti wayita dhiyeessanittidha.
Karoorichi kallattii xiyyeeffannoo 14, ajandaawwan tiraanifoormeeshinii 5 fi galteewwan 5 akkasumaas eeruu kan laataan 76 kan qabuu ta’uu ibsuun dhimmoota ijoo ta’aan irratti ibsa laataniiru.
Barnoonni babaldhachuu dhabuu, bu’uraaleen misoomaa haala ga’aa ta’een diriirfamuu dhabuu, namoonni araadaan qabaman dabaluu, lakkoofsi buqqaatoota dabaluun rakkoowwan muul’ataan xiyyeeffanoon kan barbaadaniidha jedhameera.
Waggoota shanan dhufaniif hojiichaaf baasiin doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 21 akka barbaachiisu kan ibsan Dooktar Liyaan baasichi mootummaa fi qaamolee deeggartootan kan uuwwifamu ta’u himaniiru.
Waltajji marichaarratti koreen dhaabbii walitti qabdootaa fi hooggantoonni akkasumaas miseensoonni mana maree bakka bu’oota fi daayrektarootaa fi hooggantoota dhaabbileen itti waamamoo argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.