Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan kurnan itti aananitti aanaalee biyyattii aspaaltiin walqunnamsiisuuf karoorfameera

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) –Waggoottan kurnan itti aananitti aanaalee biyyattii mara daandii aspaaltiin walqunnamsiisuuf karoorfamuun ibsame.
 
Ijaarsichaan daandileen aanaalee Ityoophiyaa hundii fi daandileen biyyoota ollaa walqunnamsiisan hammatamaniiru.
 
Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa bakka Ministeerri Geejibaa FDRI fi waajjiraalee waamamoon argamanitti karoorasaa waggaa 10 dhiyeessera.
 
Marii guyyaa sadii kanarratti waajjiraalee waamamoon 10 hirmaachaa jiru.
 
Karoorichaanis ijaarsi daandilee 21 hammatamaniiru.
 
Kanaanis lammiilee miiliyoona 3.5 oliif carraan hojii ni uumama jedhameet eegama.
 
Waggoottan kurnan itti aananitti uwwisa daandii amma jiru kiili meetira kuma dhibba 1 fi kuma 40 hin caalle, gara kiilo meetira kuma dhibba 2 fi kuma 25tti ol guddisuuf karoorfameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.