Fana: At a Speed of Life!

Waktii filannoo ofeegganno vaayrasii koroonaa irratti xiyyeeffachuun mariin gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) –Waktii filannoo ofeegganno vaayrasii koroonaa irratti xiyyeeffachuun mariin gaggeeffama jira.

Waltajji marii Boordii Filannoo Biyyaalessaan qophaa’ee irratti gamtaa siivillii fi midiyaaleen hirmaachaa jiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo ofeeggannoon raawwachiisuuf Birriin miiliyoona 1.1 akka barbaachisu eeruun, maallaqa deeggarsaa dabalataa gaafateera.

Waktii filannoo ofeeggannoo barbaachisu taasisuuf humna namaa fi baajata dabalataa ni barbaachisa jedheera.

Raawwachiiftoota fialnnoo dabalataan namoota walirraa fageenya eegsisan buufatalee filannootti ni barbaachisa jedheera.

Bu’uuruma manni maree bakka bu’oota ummataa murteesseeniin filannoon biyyaaleessaa 6ffaan bara kana gaggeeffamuu waan qabuuf boordichi wantoota raawwachuu qaburratti yaada ka’umsaa dhiyeesseera.

Kanaanis filannichi baatii Caamsaa torbee dhumaa lamaan yookaan ammoo Waxabajjii torbeewwan jalqabaa laman gaggeessuf yaada ka’umsaa dhiyeesseera.

Kanumaan walqabatee Muddee hanga walakkaa Amajjiitti raawwachiiftoota filannoof leenjiin akka kennamu taa’eera.

Walakkaa Amajjiidhaa hanga Gurraandhala torbee sadaffatti ammoo galmee filattoota gaaggeeffuuf karooramera.

Walakkaa Gurraandhalaa hanga filannootti ammoo kakaasi filannoo gaggeessuu yaada jedhutu taa’eera.

Milkaa’ina filannoof ministeerri fayyaa, ministeerri maallaqaa, qaamooleen nageenyaa fi qaamolee biroon dhimmi isaa ilaallatu ga’ee isaanii akka ba’atan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhaksaa gaafataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.