Fana: At a Speed of Life!

Walaayittaa Diichaan Dalalany Dachaasaa leenjisaa yeroo taasisuun muude

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC)  – Kilabni kubbaa miilaa Walaayittaa Diichaa muudama hoggansaa taasisuu beeksise.

Boordiin kilabichaa sababa qabxii dhabuu fi mormii cimaa deeggartoota isaan walga’ii ariifachiisa waameen murtee garagaraa dabarseera.

Boordichi leenjisummaa garicha gaggeessa kan turan Gabrakiristoos Biraarraan leenjisummaarra gaggeesseera.

Kanaan walqabatee itti aanaa leenjisaa kan turan obbo Dalalany Dachaasaa yeroodhaaf leenjisaa olaanaan garicha akka gaggeessan boordiin kilabichaa murteesseera.

Waggoota hedduuf kilabicha hoji gaggeessa olaanaa ta’uun tajaajilaa turan obbo Asaffaa Hoosisoo, preezdaantii hawaasa deeggartoota obbo Andu’aleem Shibbiruu akkasumaas daayreektara teekiniikaa obbo Taaddasee Mattaafariyaa itti gaafatamummaa isaanirra kaasuu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan obbo Mitikkuu Haylee hojii gaggeessaa, Zalaalam Maatiwoos Daayrektara teekiniikaa fi gaggeessa garichaa akkasumaas Mikaa’el Waadaa preezdaanti hawaasa deeggartoota ta’uun muudamuu ragaan kilaba kubbaa miilaa Walaayitta Diichaarraa arganne ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.