Fana: At a Speed of Life!

Walakkaa bara 2012tti Birrii biiliyoonni 39 ol deeggarsaa fi liqaadhan argameera

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Walakkaa bara 2012tti Birrii biiliyoonni 39 ol deeggarsaa fi liqaadhan argameera.

Ministeerri Galiiwwanii FDRI ibsa har’a laaten akka beeksisetti, maallaqichi kan argame maddoota maltii laataraalaa fi baaylaataraalarraayi.

Maallaqichis bifa deeggarsaa fi liqaatin kan argamedha.

Walakkaa bara kanaatti Birrii biiliyoonni 54 ol raawwii proojaktootaa fi sagantaalee addaddaatif gadhiifameera.

Kunis kan bara 2011 yeroo walfakkaatatiin walitti dhiyaatadha jedhameera.

Walakkaa bara 2012tti liqaan mootummaa federaalaa maddoota maallaqaa biyya keessaa fi alaarraa argate Doolaara miiliyoona 29 ol qaqqabeera.

Dhiibbaa liqaa ilaalchisee gabaasa Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa fi Baankiin Addunyaa bara baajataa 2011rratti hojjetaniin, dhiibbaan isaas kan bara 2010rra hir’isuusaa ibsuu isaanii ministeerichi eerera.

Haaluma kanaan dhiibbaan liqaa biyyattii sadarkaa olaanaarraa gara jiddugalaatti hir’ateera.

Kunis kan ta’e yeroon kaffaltii liqaa dhababilee daldalaa Chaayinaa dheereffamuu isaatini jedheera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.