Fana: At a Speed of Life!

Waldaaleen Hojii Gamtaa Shamattootaa Finfinneetti gabaa tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Waldaaleen Hojii Gamtaa Shamattootaa magaalaa Finfinneetti gabaa tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuun ibsame.

Hoggansi Biiroo Daldalaa Finfinnee fi dhaabbilee waamamoon hoggansa Waldaalee Hojii Gamtaa Shamattootaa waliin daawwii gabaa taasisaniiru.

Hogganaan biirichaa obbo Abdulfattaah Yasuuf hojiin waldaaleen hojjechaa jiran jajjabeessaa ta’uu ibsanii, dhiyeessiin oomishootaa fi meeshaalee hawaasni baay’inaan barbaaduu akka dabalu dhaamaniiru.

Ariitii fi gatii madaalawaadhan oomishaalee dhiyeessuun ni barbaachisas jedhan.

Naannolee fi warshaalee waliin hidhata uumuun hawaasa tajajailuuf akka hojjetanis gaafataniiru.

Xaafii, qullubbii adii, loomii, timaatima, barbaree fi oomishaaleen warshaalee gatii madaalawaadhan dhiyaachaa jiraachuu Prees Sakreetaariyaatiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.