Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Aksiyoona Riil Isteetii fi konistiraakshinii Sabboonaa sangoota 100 gatii Birrii miiliyoona 4.2 qabanii fi Hoolaa fi re’ee 150 raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Waldaan Aksiyoona Riil Isteetii fi konistiraakshinii Sabboonaa sangoota 100 gatii Birrii miiliyoona 4.2 qabanii fi Hoolaa fi re’ee 150 raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasise.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee deeggarsa waldaan aksiyoonicha raayyaa ittisa biyyaaf taasise Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyatti Daayrektarri Daayrektoreeti Eeggumsa Hambaa fi Muuziyamii Birgaader Jenaraal Dassaaleeny Dacheetti laataniiru.

Hoji gaggeessaan Waldaan Aksiyoona Riil Isteetii fi konistiraakshinii Sabboonaa obbo Toofiq Kadir gama isaaniin, Waldaan Aksiyoona Riil Isteetii fi konistiraakshinii Sabboonaa baajataa fi buusii miseensoota waldichaarraa sangoota, hoolaa fi re’oota deeggarsa taasisuu ibsaniiru.

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyatti Daayrektarri Daayrektoreeti Eeggumsa Hambaa fi Muuziyamii Birgaader Jenaraal Dassaaleeny Dachee deeggarsa Waldaan Aksiyoona Riil Isteetii fi konistiraakshinii Sabboonaa taasise maqaa raayyaa ittisa biyyaan galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.