Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Balaliistota Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa, Eekkaa Kootabeef deeggarsa laate

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Waldaan Balaliistota Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa, Hoospitaala Waliigalaa Eekkaa Kootabeef deeggarsa meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 1 laate.
 
Dura taa’aan waldichaa Kaappiteen Barakat Abaataan waldaan isaanii sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin dhiibbaa diinagdee biyyarra qaqqabuu malu hir’isuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.
 
 
Deeggarsa har’aatin waldichi uffattoota wallaansa baqassanii yaaluu fi kopheewwan plaastikaa, Aaypaadii fi laaptooppotaa fi meeshaalee yaalaa biroo 400 gumaachera.
 
Dura taa’ichi ogeeyyiin yaalaa dhibee vaayrasii koroonaatif akka hin saaxilamne hunduu tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
 
Waldichi ega hundaa’ee waggoota 50 lakkoofsiseera.
 
Aksuumaawiit G/Hiywat
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.