Fana: At a Speed of Life!

Waldaan dargaggoota caffee hojii gamtaa waliigalaa Galaanitti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) –Paartii siyaasaa kamirraayyuu bilisa tahun kan hundeeffame waldaan dargaggoota caffee hojii gamtaa waliigalaa Ashaaraa magarisaa bara kanaa sababeeffachuun guyyaa har’a Bulchiinsa Magaalaa Galaanitti biqiltuu dhaabaniiru.

Waldichi waltahiinsa dargaggoota magaalaa Finfinnee fi godinaalee Oromiyaa hundaan kan hundeeffamedha.

Waldaan dargaggoota caffee hojii gamtaa waliigalaa kun dhimma nageenyaa fi tokkuma biyyaa jabeessurratti hojjechuu cinaatti waldaa dargaggoota qeerroo fi qarree ilmaan abbaa gadaa gama dinagdeen cimsuuf hojjeta jiruudha.

Ashaaraa magarisummaa keessatti qooda kan fudhate waldichi guyyaa har’aa biqiloota lakkoofsaan hedduu firiin isaanii nyaataaf oolan dhaabeera.

Sirna dhaabbii biqiltuu kanarratti kan argamaan hundeesaa fi dura taa’aan waldichaa dargaggoo Sanyii Hidashuu, kana booda qabsoon qeerroo fi qarree hiyyummaarratti duuluun diinagdeen of-danda’udha qaba jedhaniru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.a

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.