Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa Hospitaala waliigalaa Nageelleetiif deeggarsa meeshaalee yaalaa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa Hospiitaala waliigalaa Nageelleetiif deeggarsa meeshaalee tajaajila yaalaaf oolan Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamu bituun taasiseera.

Waldichatti Itti gaafatamaan damee Godina Gujii Obbo Yohaannis Fayisaa akka jedhanitti, meeshaalee tajaajila yaalaaf oolan qoricha gosa garaagaraa meeshaalee qulqullinaa, uffata ogeeyyii fayyaa akkasumas kuusaa bishanii shan waliigaalatti Birrii miliyoona 5’n bituun deggarsaan taasiseera.

Deeggarsa kunis Waldaa Fannoo Diimaa Addunyaa irraa kan argame ta’uus himaniru.

Akka OBN gabaaseetti Itti gaafatamaan Hospiitaala Waliigalaa Nageellee Dooktar Boruu Jaarsoo, meeshaaleen kunneen tajaajila yaalaa sirnaan tajaajilamtootaaf kennuuf gahee olaanaa qabu jedhaniru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.