Fana: At a Speed of Life!

Waldaan koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa yaa’ii waggaa Dilbata dhufu Finfinneetti ni gaggeessa

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Ispoortii Olompikii Afrikaa olaantummaan kan hogganu Waldaan koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa yaa’ii waliigalaa waggaa Dilbata dhufu Finfinneetti ni gaggeessa.

Yaa’ii waggaa Waldaa koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa kana Ityoophiyaatu qopheessa jedhame.

Yaa’iichaan dhimmoota Ispoortii Olompikii Ardichaaf murteessaa ta’an irratti ni mari’atama jedhameera.

Waldichi baatii muraasa dura Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad badhaafamaa Ispoortii olaanaa Ardii Afrikaa akka ta’an murteessuun isaa ni yaadatama.

Yaa’ii waggaa kanarratti sagantaan sirna badhaasicha laachuu isa tokko ta’uu eeraniiru.

Badhaasicha ilaalchisee Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii kan taasiisan Preezdaantiin Waldaa koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa Musxaafaa Beeraaf, murtichi kan namoota dhuunfaa osoo hin taane murtoo miseensota koree hojii raawwachiiftuu ta’uu ibsaniiru.

Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad guddina Ispoortii Afrikaaf shoora olaanaa kan qabu Ispoortii Ityophiyaaf deeggarsa taasiisanii fi Ijarsa giddugala Olompikiif deeggarsa Birrii miiliyoona 3 taasiisaniin badhaasa kanaaf filatamuu himaniiru.

Barreessaa olaanaan Waldaa koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa Ahimad Abdulqaasiim gama isaaniin Ityoophiyaan yeroo ammaa Ispoortiin sadarkaa gaarirratti argamti jedhan.

Ityoophiyaan bu’uuraalee misooma gaarii qabaachuu eeruun, Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad bu’uraalee misoomaa fooyyessuuf deeggarsa maallaqaa taasiisuu ibsaniiru.

Preezdaantiin Koree Olompikii Ityoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiiyoorgis sababa weerara vaayrasii koroonaan namoonni baay’een yaa’ichaarratti hirmaachuu dhabu soda jedhu qabaachuu kaasaniiru.

Yaa’icharratti dhaabbilee miidiyaa biyyoota 52 dabalatee hirmaattoonni 250 ol kan argaman ta’uu mirkaneessuu himuun, baay’een isaanii Finfinnee galuu dubbataniiru.

Abduu Muhaammad

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.