Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Misooma Oromiyaa abbootii warraa 400f deeggarsa midhaan nyaataa laate

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Waldaan Misooma Oromiyaa qaamoleen hawaasaa sababii weerara vaayrasii koroonaatin rakkoof akka hin saaxilamne deeggarsa midhaan nyaataa xaafii kuntaala 400 abbootii warraa 400f laate.
 
Midhaan nyaataa kun Birrii miiliyoona 1.8 kan bitame yoo ta’u, abbootii warraa 400f magaalaa Bishooftuu, Mojoo fi Duukamiif kennameera.
 
Deeggarsicha kan laate waldichatti proojaktii ‘CVC’ti.
 
Waldichi ambulaansota 8 marsaa kanaan aanaalee Oromiyaaf kan gumaache yoo ta’u, hanga yoonaatti marsaa sadiin ambulaansota 72 gumaachera.
 
Ijaarsa daree dabalataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Bishooftuufis dhagaan bu’uuraa sadarkaa itti aanaa preezidaantiitti qindeessaa kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa fi walitti qabaa boordii waldichaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaatin kaa’amera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.