Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Misooma Oromiyaa lammiilee Ityoophiyaa Oromiyaa keessa jiratan hunda fayyadamoo taasiisuuf hojjeteera – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2013 (FBC) – Konfaransiin Waldaa Misooma Oromiyaa magaalaa Finfinneetti gaggaaffameera.

Waldaan Misooma Oromiyaa jalqabumarraa misooma biyyaaf kan dhaabbate ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiruu.

Waldaan Misooma Oromiyaa Tokkummaa misoomaaf jedhuun garaagarummaa sabaa, afaanii fi kanneen biroon osoo hin daanga’in sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa keessa jiraan hunda fayyadamoo taasiisuuf kan hundaa’e jedhan.

Waldaan Misooma Oromiyaa hundeeffamarraa eegalee Oromoo qofa osoo hin taane sabaa fi sablammoota hunda tajaajiluu fi hirmaachisuuf ta’uu walitti qabaan Boordii waldichaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaan ibsuu isaanii ragaan waajjira Seekreetariyaat Preesiirraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.