Fana: At a Speed of Life!

Waldaan ogeeyyii yaala Fayyaa Ityoophiyaa yaa’ii waggaa 57ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Waldaan ogeeyyii yaala Fayyaa Ityoophiyaa yaa’ii waggaa 57ffaa har’a gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu, dhimmoonni garaagaraa mariif ni dhiyaata jedhameera.

Waldaan ogeeyyii yaala fayyaa Ityoophiyaa weerara vaayrasii koroonaan ittisuu fi to’achuuf hirmaannaan taasiise olaanaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Weeraricha ittisuuf tattaaffii cimaa ogeeyyiin yaala fayyaa taasiisan galateeffataniiru.

Yeroo itti aanus tajaajilawwan bu’uuraalee yaala fayyaa itti fufsiisuu fi galmoota misooma damee fayyaa barkumee milkeessuuf qoonni ogeeyyiin fayyaa fi waldichaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila yaala fayyaa waliin ga’uu fi deebii biyyaalessaa weerara vaayrasii koroonaaf laatamu ilaalchisee mariin kan gaggeeffamu ta’uu preezdaantiin waldichaa Dooktar Tagbaar Yigizaaw himaniiru.

Ga’ee waldichaa guddisuuf ogeeyyii yaalaaf hojiin ga’umsaa fi daandeettii cimsuu kan hojjetamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.