Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdeewwan mariin akka hiikamaniif hojiileen eegalaman milkaa’ina argamsiisaa jiru – aadde Mufariyaat Kaamiil

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) –Dhimmoota gara garaa irratti waldhabdeewwan uumaaman karaa ammayyummaan mariin akka hiikamaniif hojiileen eegalaman milkaa’ina argamsiisaa kan jiran ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat kaamiil himaniiru.

Dhaabbanni isaanii waggoottan sadeen darbeetti biyyatiitti nageenya itti fufaa uumuuf dhimmoota dandeessisan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa kan ture ta’uu aadde Mufariyaat dubbataniiru.

Rakkoo uumames haala salphaan hiikuun kan hin danda’amne ta’uu himanii, waldhabdeen yemmuu uumamu karaa ammayyummaan mariin hiikuun furmaata isa tokkoffaa ta’uus eeraniiru.

Gama kanaan waltajjiileen leenjii ministeerichaan qophaa’an milkaa’ina argamsiisaa kan jiran ta’uus himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.