Fana: At a Speed of Life!

Waldichi lammiilee hongeef saaxilamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 200 olii taasiisuufi

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti lammiilee hongeef saaxilamniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 200 olii taasiisuuf ta’uu beeksiise.

Waldichi lammiilee naannolee lameenitti hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa, nyaataa fi bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 6 caalu gumaachuuf qophaa’uu Barreessaa olaanaan Waldichaa Obbo Geetaachoo Taa’aan ibsaniiru.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa bara Faranjootaa 2022 eegalee naannoo Oromiyaa Godina Booranaa, Baalee, Baalee Bahaa fi Gujii Bahaatti, Naannoo Kibbaa Godina Kambaataa Xambaaroo fi Gaamoo, naannoo Somaalee Godina Shabalee, Faafanii fi Afdheeraatti abbootii warraa hongeen miidhaman kuma 14 fi 530f deeggarsa maallaqaa Birrii miiliyoona 104 taasiisuu Obbo Geetachoon eeraniiru.

Deeggarsa namoomaa rakkicha gitu dhiyeessuuf ummanni Ityoophiyaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuun lakkoofsa ergaa gabaabaa 9400 irratti OK jechuun Birrii 1 akka gumaachan Obbo Geetaachoon gaafataniiru.

Maddi TOI

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.