Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha mana keessaa idil addunyaatin atleetonni Ityoophiyaa injifatan

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Waldorgommii fiigicha mana keessaa idil addunyaa Faransaayitti gaggeeffameen atleetonni Ityoophiyaa injifannoon xumuraniiru.

Waldorgommichaan fageenya meetra 1500 dubartootan Atleet Gudaaf Tsaggaayee dorgommicha yoo injifattu, Atleet Lamlam Haylee fi Aksumaawiit Inbaayaaw sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

Waldorgommii meetra 1500 dhirotaatin ammoo Atleet Saamu’eel Tafarraa sadarkaa 1ffaan injifateera.

Meetra 3000 Atleet Geetinnat Waalee dorgommicha yoo injifatu, Atleet Salamoon Baaraggaan sadarkaa 2ffaatin xumureera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.