Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin 5ffaan bara hojii 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa boruu ni gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii 5ffaa bara hojii 6ffaa walga’ii addaa 1ffaa  boruu ni gaggeessa.

Manni marichaa galma walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti walga’ii addaa 1ffaa kana ni gaggeessa jedhameera.

Walga’icharratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ni argamu.

Walga’iichan haasawaa preezdaanti Saahilawarqi Zawdee Fulbaana 25 walga’ii Waliinii Mana Maree Bakka Bu’oota Uumataa fi Mana Maree Federeeshiniif taasisan irratti gaaffilee dhiyaatanii fi ejjennoo mootumma dhaggeeffachuun Mooshinii deeggarsaa ni mirkaneessu jedhameet eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.