Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa 42ffaan gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Manni Maree Hojii Raawwachiiftootaa Gamtaa Afrikaa walga’ii 42ffaa Finfinnee galma gamtichaatti gaggeeffamu eegaleera.

Walga’ii mana marichaarratti bakka bu’oonni fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensota Gamtichaa ni hirmaatu.

Walga’icharratti Ministiroonni Dhimma Alaa Somaaliyaa, Naayijeeriyaa, Koomooroos, Taanzaaniyaa, Iswaatiinii, Seeraaliyoon, Kootidivaar, Rippaablikaa Afrikaa Giddugaleesaa, Zimbaabuwee fi Maaliin argamaniiru.

Manni marichaa koree dhaabbii bakka bu’ootaa gamtichaa walga’ii idilee 45ffaa ji’a Amajjii, Magaalaa Finfinneetti gaggeessan irratti mari’achuun, gamtichaaf akka dhiyeessuu ibsameera.

Manni marichaa walga’ii guyyoota lamaf taasisuun ajaandaalee garaagaraa dhiyaatan ni raggasisaan eeggama.

Manni maricha “Hojiirra oolmaa Naannaawaa daldalaa walabaa Ardii Afrikaa saffisisuu“ jedhu mata duree 2023 akka ta’uuf yaada ka’umsaa dhiyaaterratti kan mari’atuu ta’uu Gamtaan Afrikaa beeksiseera.

Ya’iin Hoggantootaa gamtichaa Guraandhala 11-12, 2015 kan gaggeeffamu ta’uu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.