Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree Ispoortii Biyyaalessaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Walga’iin Mana Maree Ispoortii Biyyaalessaa Hoteela Iskaay Laayitiiti gaggeeffamuu eegaleera.
Walga’icharratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruut Kaasaw, Komishinarri Komishinii Ispoortii Federaalaa obbo Eeliyaas Shukurii, Itti aanaa Komishinaraa obbo Duubee Jiloo, Preezdaantii Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu dabalatee Ministiroonni, Komishinaroonni Komishinii Ispoortii naannolee fi miseensonni mana marichaa argamaniiru.
Waltajjichi Dambii Sirna walga’ii Mana Maree Ispoortii Biyyaalessaa fi qajeelfama waldaalee Ispoortii biyyaalessaa hundeessuuf ba’erratti mari’achuun kan raggaasiisu ta’uu ragaan Komishinii Ispoortii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.