Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree Ministiroota Haroowwan Ikuuwaatooriiyaan Naayil 24ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa dabalatee walga’iin Mana Maree Ministiroota Haroowwan Ikuuwaatooriiyaan Naayil 24ffaan biyyoota 9 hirmaachise gaggeeffameera.
Mana Maree Ministirootaa kana Ityoophiyaan waggaa 1f dursaa turteerti jedhame.
Hojiilee misooma anniisaa garaagaraa naannicha walitti hidhuUF gargaaran hojjetamaa turuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan himaniiru.
Hiyyummaa hir’isuu fi jijjiirrama qabeenya qilleensaarratti biyyoota miseensa naannichaa waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Naannichi qabeenya uumamaan kan badhaadhe ta’us tumsaan hojjechuurratti haalli jiru harkifataa ta’uu Ministirri Ministeera Jallisii fi qabeenya Bishaanii Sudaan Yaasiir Mahaammad dubbataniiru.
Maddi:-EBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.