Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin waloo Komishinii Ministirootaa Iityoo –Jarman 2ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Walga’iin waloo Komishinii Ministirootaa  Iityoo –Jarman 2ffaan viidiyoo Konfaransiin gaggeeffame.
 
Walga’iin waloo marsaa 2ffaa komishinii Ministirootaa kun dhimmoota imaammataa fi nageenyarratti xiyyeeffachuun gaggeeffameera.
 
Dabalataan dhimmoota waloo, Gaanfa Afrikaa fi Awurooppaa, akkasumsa dhimmoota waloo idila addunyaarratti dhimmoota biyyoonni lameen tumsaan hojjechuu danda’an irratti mari’achuu ragaan Ityoophiyaatti Imbsaan Jarmanii argame ni agarsiisa.
 
Torbee dhufu dhimmoota hariiroo diinagdee, hawaasummaa fi misooma dameewwan biroorratti mariin ni gaggeeffama jedhamee eeggama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.