Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee daangaa bulchiinsa GAO fi Finfinneerratti mariin taasiifame

Finfinnee, Hagayya 10, 2014 (FBC) – Waliigaltee daangaa bulchiinsaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fi magaalaa Finfinneerratti mariin taasiifame.
Kaayyoon marichaa waliigateen daangaa bulchiinsaa kun karaa tokkummaa ummattootaa cimseen hojiirra akka ooluuf ta’uu ibsameera.
Waliin guddachaa furmaata waaraa fiduuf ta’uus eerameera.
Qorannoorratti hundaa’uun waliigalteen akkaataa daangeeffama bulchiinsa daangaa hirmaatootaaf ibsameera.
Waliigaltee qorannoo fi qo’annoorratti hundaa’uun dhiyaateerratti hirmaattoonni marii bal’aa erga gaggeessanii kallattiin hojiirra oolmaa gara fuuldurraa kaa’ameera.
Maricharratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa fi Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni Mootummaa federaalaa fi naannolee, abbootiin Gadaa, abbootiin amantaalee, jaarsoliin biyyaa, kutaalee hawaasaa GAON fi bakka buutoonni ummataa hirmaataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.