Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kuweet waliigaltee hojii walii mallatteessuuf mari’achaa jiru

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Kuweet marii waliigaltee hojjetaa walii mallatteessuu isaan dandeessisu mallatteessan.

Jilli diippiiloomaasii imbaasii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Abdulfattaah Abdullaahiin durfamu, jila gargaaraa dhimmoota qoontsilaa Ministeera Dhimma Alaa Kuweet Saamii Abdulaaziiz Ahimadiin durfamu waliin ta’uun bakka buutota dhaabbilee mootumma Kuweet garagaraa waliin sanada wixinee qophaa’e irratti marii taasisaniiru.

Mariin gaggeeffame bu’aa gaariin kan xumurame yoo ta’u, dhimmoota osoo hin xumuramin hafan muraasa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun gara hojiitti hiikuuf waliigalameera.

Waliigaltee kana irratti ambaasaaddar Abdulfattaah Abdullaahii, diippiloomaatonni imbaasii, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti daayreektarri dhimma giddugala bahaa obbo Birihaanuu Jibriil, akkasumas jilli Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa FDRI irraa walitti babba’an hirmaatamniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.