Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 9 fi kuma 65 mallattaa’e

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Biriitaaniyaan waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona  dhibba 9 fi kuma 65 walii mallatteesan.
 
Waliigalticha Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Admaasuu Nabbabaa fi Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Misooma Idila Addunyaa Ingiliiz Kiristiiyaan Roog walii mallatteessaniiru.
 
Deeggarsichi baqattootaa Ityoophiyaatti argaman fayyadamoo taasisuuf kan kaayyefameedha jedhame.
 
Maallaqa deeggarsaan argame kanaan bu’uraalee misoomaa barbaachisan guutuuf kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
 
Deeggarsa kanarraa baqattoonni kumni dhibbi 2 fi hawaasni naannoo fayyadamoo kan ta’an ta’uu Ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.