Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen istaadiyeemii magaalaa Finfinnee haaromsuuf dandeessisu mallatta’e

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)- Komiishiniin Ispoortii FDRI istaadiyeemii magaalaa Finfinnee haaromsuu fi tajaajilaa sadarkaa isaa eeggatee laachuu akka danda’uu taasisuuf waliigaltee mallateesseera.

Waliigalticha kan mallateessaan Komiishiniin Ispoortii FDRI fi dhaabbata itti gaafatamummaan isaa murta’ee Freendiis Inijiinaariingidha.

Haaromsiichi kan raawwatuu dirree kubbaa miilaa, kutaawwan uffannaa fi dhiqannaa, mana fincaanii hordooftootaa fi elektirikaa kan haammateedha.

Hojiin haaromsaa kanaaf baasiin Birrii miiliyoonnii 39 fi kumni dhibbi 6 fi kumni 44 fi 748 raawwatamu ta’uu ragaan komiishinicharra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.