Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen ogeeyyii fayyaaf carraa hojii uumuu Emireetota Araba Gamtoomaniitti waliin mallattaa’e

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Waliigalteen Ogeeyyii fayyaa Ityoophiyaaf carraa hojii uumuu Emireetoota Araba Gamtoomanii waliin mallattaa’eera.
Komishinii carraa hojii uumuu, Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa akkasumas Ministeerri Fayyaa Emireetota Araba Gamtoomaniitti dhaabbata“ Rispoons Palsi Hooldiings” jedhamu waliin carraa hojii uumuurratti waliigaltee mallatteessaniiru.
Ityoophiyaa bakka bu’uun waliigalticha kan mallatteessan Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa yoo ta’an, waliigaltichi ogeeyyii fayyaaf carraa hojii uumuu bira darbee biyyattiin wallaansa fayyaa ammayyaa’aa ta’een waan beekamtuuf beekumsaa fi muuxxannoo argachuuf kan fayyadu ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltichi labsii bobbii hojii biyya alaa mootummaan Ityoophiyaa dhiyeenya fooyyesse hordofee kan raawwate ta’uu ibsameera.
Sadarkaa sadarkaan ogeeyyii fayyaa 200 ol ta’aniif giddugala fayyaa beekamoo ta’anii fi hospitaalota gurguddoo keessatti hojii eegalchiisuuf akka ta’e ibsamuu ragaan Komishinii Carraa hojii Uumuuirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.