Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen sirna odeeffannoo hojii gabaa ammaayyeessu dandeessisu mallattaa’e

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Waliigalteen sirna odeeffannoo hojii gabaa ammaayyeessu dandeessisu mallattaa’e.

Waliigalticha Ministira Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abirhaam Balaay fi Ministira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeetu mallatteesse.

Dooktar Ergoogee Tasfaayee wayita waliigaltichaa akka jedhanitti dijitaaliin diriirfamu tajaajila odeeffannoo hojii gabaaf qormaata ta’aa dhufuun rakkoo hojii dhabaa furuu kan dandeesisudha.

Dooktar Abirhaam gama isaaniin hojii siistema haaraa kanarratti Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii deeggarasa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.

Sirni odeeffannoo hojii gabaa hojii gabaa waliin odeeffannoo walqabatan yeroo gabaabatti walitti qabuu danda’a jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.