Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen uwwisa waliin ga’iinsa fayyaa dabaluu dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Waliigalteen uwwisa waliin ga’iinsa fayyaa dabaluu dandeessisu mallatteeffameera.

Ministeerri Fayyaa fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waliigaltee uwwisa fayyaa dabaluu waliif mallateessaniiru.

Waliigalticha ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Baawreemaa Haamaa Saamboo waliif mallatteessaniiru.

Sirna mallattichaarratti uwwisa waliin ga’iinsa fayyaa addunyaa, tajaajila yaala balaa tasaa fi fayyaan badhaadhuu fi karaa hojimaata fayyaa cimsuun danda’amurratti waliigalteef tumsaan akka hojjeetan ibsaniiru.

Haaluma wal fakkaatun Dhaabbanni Fayya Addunyaa vaayrasii koroonaa dursanii ittisuuf of eeggannoo taasisuun akkasumas balaa tasaa wallaanuuf meeshaalee fayyaa deeggarsaa taasiseera.

Meeshaaleen fayyaa deeggarsaan laataman tilmaama Doolaara Ameerikaa kuma 43 olii qabu jedhameera.

Meeshaaleen kunneenis hojiirratti nageenya ogeessota fayyaa eeguuf kan gargaaruu ta’u ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.