Fana: At a Speed of Life!

Wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaatti Boqqoolloon Kilaasteraan misoome daawwatame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaatti Boqqoolloon Kilaasteraan misoome daawwatameera.
 
Godina Wallagga Bahaatti Boqqoolloo lafa hektaara kuma dhibba 1 fi kuma 45 irratti misoomaa keessaa hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 12 kilaasteraan kan oomishame ta’uu ibsameera.
 
Guyyaa har’aas aanaa Waayyuu Tuqaatti oomishni Boqqoolloo lafa hektaara kuma 5 fi 750 irratti kilaasteeran misoome qaamoolee garaagaraan daawwatameera.
 
Qonnaan bultoonni oomisha isaanii gatii gaariitti akka gurgurataniif Yuuniyeenii qonnaan bultootaa fi Waldaalee bu’uraa waliin hojjetamaa jiraachuu hojii gaggeessituun Federeeshinii Qonnaan Bultoota Oromiyaa aadde Askabarachi Balaaynee ibsaniiru.
 
Godinuma kana aanaa Nuunnuu Qumbaattis muuxxannoon teeknooloojii misooma qonnaa giddugala yaalii qonnaan bultoota Gaara Hudhaa daawwatameera.
 
Daawwannaan kun godinaalee Oromiyaa adda addaatti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.