Fana: At a Speed of Life!

Walloo Kibbaatti gareen shororkeessaa ABUT dubarttoota 217 ol gudeeduun isaa qorannoon mirkanaa’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Walloo Kibbaatti gareen shororkeessaa ABUT dubarttoota 217 ol gudeeduu isaa qorannoon mirkanaa’uu bulchiinsi godina Walloo Kibbaa beeksise.

Garichi wayita godiinicha weeraraan qabatee turetti dubarttoota 217 ol gudeeduu qorannoo jalqabaan mirkanaa’uu bulchaan godinichaa Dooktar Abdii Huseen ibsaniiru.

Godinichatti garee shororkeessaan kun lammiilee nagaa 548 ol ajjeesuu fi awwalchonni jumlaa hedduun argamuu qoranichaan bira ga’amuu eeraniiru.

Qorannichi kan marsaa jalqabaa ta’uu fi argannoo qorannoo ittaanuun lakkoofsi jedhame dabaluu akka danda’u ibsaniiru.

Kadir Mahaammadtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.