Fana: At a Speed of Life!

Walmaraatti qamadiin jallisiin misoomaa jiru daawwatame

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraatti qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwatame.

Daawwannaa kanarratti Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu, Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayisaa, qondaaltonni Godina Shawaa Lixaa fi kanneen biroon argamaniiru.

Daawwannicharratti Obbo Abdulhaakiim Muluu Badhaadhina mirkaneessuuf aadaa hojii jijjiiruun baay’inaa fi qulqullinaan oomishuu qabna jedhan.

Qonnaan bultoonnis hiyyummaa dhabamsiisuuf cimanii hojiiwwaan misoomaa fi diinagdee keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan gama isaaniin qamadii omishurratti hanqina bishaanii qonnaan bultoota mudatu furuuf bishaan cimmisuu fi bishaan lafa jalaa baasuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godina Shawaa Lixaatti hanga ammaatti qamadiin lafa heektara kuma 72 fi 66 irratti facaafamuun ragaan kominikeeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.