Fana: At a Speed of Life!

Walqaayit naannoo Xagadee buufata Diiviizyinii Safaratti meeshaaleen waraanaa hedduun too’ataman

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) – Walqaayit naannoo Xagadee buufata Diiviizyinii Safaratti meeshaaleen waraanaa badii raawwachuuf ture hedduun too’atamuu Izzii Kaabaatti ajejaa olaanaan Meekaanaayizdii 5ffaa Jeneraal Mulaalem Adamsuun ibsan.
Kilaashiin 207, rasaasni kumni 9 fi 80, meeshaa waraanaa abbaan 40 nyaatu 26 , kan 10 nyaatu 18, Shugguxii maakroofii 26, Istaarii 5, forty Five 4, Breta 1, Map 2 fi Boombiwwan akaakuu gargaaraa 108 too’atamaniiru.
Meeshaaleen kunneen ogummaa waraanaan opporeeshinii gaggeeffameen manneen jireenyaa keessaa dhukaasa tokko malee too’atamuu ibsameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.