Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin hoji dhabdummaa fi carraa hojii uumuu Yuunvarsiitii Haramaayaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Waltajjiin biyyoolessaa hoji dhabdummaa fi carraa hojii uumuurratti xiyyeeffatu Yuunvarsiitii Haramaayaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicha kan qopheesse yuunvarsiitichatti Koolleejjii Biiznasii fi Ikoonoomiiksiiti.

Maricharrattis yuunvarsiitonni baha Ityoophiyaa, dhaabbileen indaastirii fi qooda fudhattoonni hirmaataniiru.

Yuunvarsiitichatti itti aanaan preezdaantii dhimma bulchiinsaa fi barattootaa Proofeesar Jeeylaan Waliyyiin carraa hojii uumuun hoji dhabdummaa furuuf hidhata uumuun murteessadha jedhan.

Marichi guyyootii lamaaf kan gaggeeffamu yammuu ta’u, waraqaaleen qorannoo dhiyaatanii irratti ni mari’atama.

Tashoomaa Hayluutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.