Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin labsii yeroo ariifachiisaarratti qophaa’e taa’ame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa waltajjiin labsii yeroo ariifachiisaarratti qopheesse taa’ameera.
 
Waltajjichi hanqinoota raawwii danbii fi qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf ba’erratti kan xiyyeeffatedha.
 
Labsii ba’erratti raawwii muul’atu fooyyessuu ilaalchisee hubannoo waloo fi raawwii hojii seeraa walfakkaataan akka jiraatuf kan qophaa’e ta’uu haati alangee waliigalaa federaalaa aadde Adaanach Abeebeen beeksisaniiru.
 
Waltajjicharratti hoggantoonni poolisii federaalaa, naannolee fi magaalaa hirmaataniiru.
Tamsa’inni vaayirasichaa waan dabaleef, leenjiin kun raawwii irratti hanqinaa fi gufuulee mul’atan hiikuun kallattii waloo kaa’uu dandeessisa jedhan aadde Adaanach.
 
Seera eeguu fi hojii irra oolchuu irrattis hirmaannaa barbaachisaan akka taasifamu ni dandeessisa jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.